Tiraaktota
Har’a addunyaa kanarra namoota onneen isaanii cinqamtu baay’etu jira. Sababoonni cinqii kanaas baay’eedha. Sababa kamiifuu Waaqayyo rakkoo kana akka beekuufi dhaabatee onnee cinqamte hunda gara isaatti amantiidhaan yoo dhufte simachuudhaan nagaya isiif kennuudhaaf eegaa jira. Waaqayyo si jaalata, onnee kee keessas boqachuu fedha. Akka hiika dubbii kanaatti onnee namaa jechuun nama yookiin sima, waan ati hojjataa jirtuu fi waan onnee kee keessaa burqu jechuudha. Waaqayyo uumaan yeroo jalqabaatiif nama uumee gammachuudhaanis akka jiraatuu fi isa tajaajiluuf iddoo bareedaa eden gannat keessa kaaye. Booda immoo wanti karoora Waaqaa kana xureessu ni dhufe. Innis diinticha nuti seexana jennee yaamnu santu Waaqa jibba ture. Namni akka shakkuu fi waaqaafis hin ajajamne taasisa. Sababa kanaafis onneen namaa badummaa fi cubbuudhaanis kan guutamte turte tun hariiroo tokkos Waaqa wajjiin akka hin qabaanne taasise. Onneen isaas tan nama gowwoomsituufi garmalees badduu taate. (Erm. 17:9). Namnis Waaqarraa ni fooyame. Jaalala isaa guddaa irraa kan ka’e Waaqayyo ilma isaa gooftaa Yasuus Kiristoosiin cubbuu namaatiif akka du’uuf erge. Amma abdiin nama hundaaf kennameera. Waaqayyo onnee tokkoon tokkoon namootaa keessa qubachuu barbaada. Gaaf tokko warri fayyan isa wajjiin iddoo bareedaa inni keessa jiraatu kan Jaannata jedhamu jiraatu. Inni cubbuun bara baraaf akka achi hin seenne seera baase. Cubbuun yaada, ilaalcha, gochaa fi amantaa fedha Waaqaatiin faallaa ta’eedha. Kunniin onneen namaa akka xurooftu taasisu. Waaqayyo qaama alaa qofa osoo hin taane keessa onnee namaas ni ilaala.
Yaa Dubbisaa:- Waaqa qulqulluu fulduratti cubbamaa ta’uu kee irraa kan ka’e murtiin du’aa akka sitti murtaaye beektaa? Namni cubbamaan du’a bara-baraa jalaa bayee jireenya bara-baraa qabaachuuf araara Waaqayyoo argachuu qaba. Araara kun isa waaqni beenyaa cubbuu keennaa irraa ittiin nu baraaru jechuudha. Fayyinni akkanumaan gatii malee tola kan argamuu ta’uillee Waaqayyo gaarummaa fayyinnaa kana karaa tokko malee hinkennu. Waaqayyo haalli gaarummaa isaa kana itti keennuu jecha tokkoon woyta wolitti qabamu “Qalbii jijjiirachuu” dha.
Joon W. Reeynoolds Wantoota jiruu kiyya keessatti na qunnaman kanneen na ajaa’ibsiisan keessaa kan dursuu fi isa ani yeroo mara yaadadhu, kan barumsa dansaa naaf kenne seenaa namicha Joorj Liinooksi jedhamuuti. Namichi kun Ameerikaatti magaalaa Jeefarsan jedhamtu keessa kan jiraatu yoota’u faradoo hatuun beekama ture. Yakka/hanna isaa cimsee itti fufee jennaan waan himatameef itti murtaa’ee gara mana adabbii kan magaalaa Jeesiwiik keessatti argamuutti geeffame.
Sodaan Maalii? Sodaan Waaqayyoo Sodaan Fulduraa Sodaan Kufaatii Sodaan Gidiraa Arguu Sodaan Du’aa Sodaan, diina dhokataa kan namoota umrii fi sanyii kamiyyuu qabaniifi kan adeemsa jireenya kamiiyyuu weeraruudha. Sodaan haxxee fi barbadeessaa yaada keenya kan summeessu, nagaa keessa keenyaa kan saamuu fi gammachuu jireenya keenyaa kan caldhisiisuudha. Sodaan naatuu, yaada’aa, rifataa, jeeqamaa, gaddaa fi dadhabaa nu taasisa; kun dhageentaa nama hin gammachiisne fi hin barbaadamne maaliiti!
Maalummaa Si’ool Si’ool Eessa? Karaa Si’ool Eenyuutu Achitti gala? Worri badan achii maal godhu? Waaqayyo Cubbamaa ni Adabaa? Kitaabni qulqulluun waayee galaana ibidda isa barabaraan hin dhaamnee ifaatti barsiisa. Yeroo kanas namni cubbamaa ta’e hundi badiinsa suukkanneessaa fi gaddisiisaa barabaraa ta’e kanattii akka fayyuuf Waaqayyo isa qulqulluu ta’een akeekachiisni kennameera. Egaa akka kana sodaachisaa kan ta’e si’ool waan akkamii ta’inna laata? Dubbii Waaqayyoo keessaa waan muraasa haa ilaallu. Si’ool Galaana ibiddaati:- (Mul. 20:14). Dukkana limixii barabaraati (Yud 13).
Michuu tokkon qaba. Michuun koo kunis michuuwwan kiyya kanaan duraa hunda isaani irraa adda, inni hunda isaan iirrayyuu ni caala. Inni nama dhugaa fi baayyee gara laafessa waan ta’eef michuu koo kana wajjiin atillee akka wal barattu nan barbaada. Maqaan isaa Yesuus jedhama. Hundumarra caalaa immoo kan namatti tolu innis michuu kee ta’uuf baayyee barbaaduu isaati. Mee waayee michuu koo kanan sitti hima. Seenaa kana Kitaaba qulqulluu keessaa arganna. Kitaabni qulqulluun immoo dubbii Waaqayyoo waan ta’eef dubbii dhugaati.
Dubbiin Waaqayyoo guyyaan Gooftaa immoo akka haattuun dhuftutti ni dhufa. Jechuun nu hubachiisa (2 Phex. 3÷10). Nu’u dhufaatiin Gooftaa dhihaachuun dhugaa akka ta’e akkamitti barre? Naannoo keenya yommuu ilaallu maal hubannaa?